Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gargaarsa Gara Tigraayitti Ergamu Ilaalchisee Ibsa Tokkummaa Mootummootaa  


FAAYILII - Midhaan gara Tigraay fi Affaar hiramuuf qophaahe Kuusaa Dhaabbata Nyaata Addunyaa (WFP) keessatti, Samaraa, Affaar, Guraandhala 21, 22
FAAYILII - Midhaan gara Tigraay fi Affaar hiramuuf qophaahe Kuusaa Dhaabbata Nyaata Addunyaa (WFP) keessatti, Samaraa, Affaar, Guraandhala 21, 22

Konkolaattonni gargaarsaa 50 midhaan nyaataaf gargaarsa namoomaa akkasumas boba’aa fe’atan jimaata darbe Maqalee seenuun ibsamee jira. Konkolaattonni kun midhaan gargaarsaa toonii 1000tti hedamu kan fe’atan yoo ta’u, kunis namoota 43,000f midhaan nyaataa ga’aa akkasumas meeshaalee eegumsa fayyaa, nyaata madaalamaa, bishaanii fi meeshaalee qulqullina ittiin eeggatan toonii 700 fe’uun gamasitti imaluu isaanii dubbi himaan tokkummaa mootummootaa Stefenii Dujaarik ibsa kennaniin beeksisaniiru.

Konkolaataan boba’aa liitira 115,000 fe’ate illee ergamuun ibsamee jira. Haa ta’u malee kunis baatii sadii fi walakkaa dhaaf lafoo dhaan Ebla tokko gargaarsi erga ergamee as konkolaataan gargaarsaa ergamee isa jalqabaa ti.

Haa ta’u malee fedhii naoomaa gamasii guutuuf gargaarsaa fi boba’aan itti dabalaa kan barbaachisu ta’uu tokkummaan mootummootaa beeksisee jira.

Konkolaattonni gargaarsaa itti dabalaa Samaraa irraa gara Maqaleetti imaluuf qophaaanii jiru.

Dujaariik itti dabaluun akka jedhanitti gargaarsi itti dabalaa haala amansiisaa ta’een hatattamaan lammiiwwan Tigraay Amaaraa fi Affaar keessaa kanneen miidhaan irra ga’e gargaarsi yeroo yerootti akka dhaqqabu gochuuf qaama mara waliin wal quunnamuu itti fufna jedhan.

XS
SM
MD
LG