Prezidaantin bulchiinsa naannoo Tigraay Debretsiyoon Gebreemikaa’el xalaayaa barreessaa muummee mootummoota gamtoomanii Antoniyoo Guteereesiif barreessaniin, gara hundumaanuu badiinsi Itiyoophiyaa keessatti adeemaa jiru haalaa yaaddesaa ta’e irraa akka jiruu ibsuun isaanii beekameera.
Debretsiyoon Xalaayaa fuula 4 qabu kana keessatti ,mootumaan naannoo Tigraay gargaarsa namoomaatiif jechuudhaan dhukaasaa dhabuu isaa ibsanii haalli gargaarsa namoomaa akka waadaa seenameen adeemaa akka hin jirre himaniiru.
Duma xalayaa isaanii irrattis fallii karaa nagaa yoo hindanda’amnee t’ee marsama Tigraay irratti taasifamee cabsuuf jecha filannoo biraa fudhachuudhaf akka dirqissifaman ibsuun isaanii beekameera.