Xurree ittiin seenan

Breaking News

Israa’eel Haleellaa Xiyyaara Waraanaa Geggeeitee Jirti


Walitti Bu'iinsa Faalisxiinii fi Israa'eln Haleellaa Gaazaa Irratti Raawwatame
Walitti Bu'iinsa Faalisxiinii fi Israa'eln Haleellaa Gaazaa Irratti Raawwatame

Kamisaa har’aa ganamaa ergaa Rookeetin daangaa palastaayin keessaa garaa Israa’eltti furgugeessamee boodaa xiyyaaronni waraanaa Isiraa’el walakkeessa Gaazaa haleeluu isaanii haanga’onii Hamaas fi maddaawan waraanaa Israa’el beeksisaniiru.

Akka waraanii Israa’el jedhetti haleelaan xiyyaaraa kan raawwatame bakkeewwan kellaa eegumsaa fi bakkaa mootorri Rookeetii itti homishamuu, akkasumas bakka leenjii hidhattota Hamaas.

Balaa kanaa miidhaan qaqqabee maal akka ta’ee amma ammaatti kan hin ibsamnee yemuu ta’u hokkorri fi wal tuttuquun tibbana kana umnoottan Palastaayinii fi Israa’el gidduutti adeemaa jiru garaa walti bu’iinsa baldhaatti akka hin guddanne sodaatamaa jiraachuun isaa gabasameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG