Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyyoottan Lixaa Walgahii G-20 Dhiisanii Bahan


Faayilii: Ministeerota maallaqaa biyyootii gama dhiyaa
Faayilii: Ministeerota maallaqaa biyyootii gama dhiyaa

Walgahii garee biyyoottan dureeyii G-20 jedhamee beekamuu irratti hirmaannaa Raashaa kan morman bakka bu’oonii biyyoottan lixaa US, Kaanadaa fi UK walgahichaa dhiisanii bahuun isaanii gabaasameeraa.

Sababa Raashaan yukireeniin weerarteef jechaa akka walgahi kana irratti hin hirmaanee taasifamuu qabdii jechuudhaan US biyyaa yeroo ammaa garee G-20f duraa teessuu taate Indooneejiyaa gaafattee turte.

Haata’u malee Ministira maallaqaa Raashaa Antoon Silu’anoov dabalatee bakkaa bu’oonii Raashaa akka hirmaatan guchuun warren walgahicha dhiisaanii bahan daldhansiiseera.

Sababinii hirmaannaan Raashaa eeyyamameef weerara isheen Yuukireen irratti raawwateen kan ka’ee Garee G-20 waan gargar qoodamaa jiruuf dhimichaa irraatii akka yaadaa ishee ibsituuf ta’uu isaa qindeesitoonii himuun isaanii ibsameeraa.

Yuukreen Miseensaa garee G 20 ta’uu baatus walgahichaa iraatii akka hirmaatuu eeyyamamee Ministirrii dhimmaa alaa Dimiytroo Kuleebaa fi minstirii maallqaa Seerihiy Maarchenkoo akka affeeraman beekameera. Bakka bu’oonii Yuukreen lammanuu warren walgahichaa dhiisanii bahan faana dhiisanii bahuun isaanii gabaasameera.

Biyyoottan meseensaa G-20 ta’an US, UK, Fraans, Jarmaniif kanadaan weerara Raashaan Yuukreen irratti raawwatee fi walgahichaa iraatti hirmaachuu ishee yemuu balaalefatan , biyyoottan heduun Chaayinaa, Indooneejiyaa, Indiyaa fi Afrikaa kibbaa dabalatee balaaleffanaa irratti akka qoodaa hin fudahann beekameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG