Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Kuubaa Wajjin Marii Taasisaa Jirti


Faayilii: Ministrii haajaa alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Bliinkenii fii ministrii nageenya biyyoolessaa Alehaandroo Maayoorkaas
Faayilii: Ministrii haajaa alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Bliinkenii fii ministrii nageenya biyyoolessaa Alehaandroo Maayoorkaas

Yunaayitid Isteets walgaltee dhimmaa godaantotaa biyyaa kuubaa waliin qabaachaa turtee akka haaromsuuf adeemtu minstirri dhimaa nageenya biyyaa keessaa Alehaandiroo Mayoorkaas ibsaniiru.

Walgahii bakka bu’oota biyyootan Laatiin Amerikaa panama keessatti tasefame irraatii dhimma kana kan dubbatan Maayoorkaas kamisa har’aa Waashington keesssatti Kuubaa fi Yunaayitid Isteets marii taasisu. Dhimmaa kana ilaalchisee mayoorkaas yemuu dubbatan akkana jedhaniiru.

Marii Yuunaayitid Isteets fi kuubaa gidduutti taasifamuu dursuu hin barbaadu. Garuu akka kuubaa waliin walgaltee dhimmaa godaantotaa qabaachaa ture hunduu ni beeka. Walgalteen addaan cite sun akkaataa itti fufu irratti fala barbaanna. Sunis fedhii nu karaa seeraa , hojiidhaa fi namummaatiin qabnu agarsiisa. Kanaafuu lammilee kuubaa dabalatee namoonnii galaana irraan imalaa balaqabeessa ta’e taasisuun isaan irraa hin jiru jedhan.

Bulchiinsii Prezidaant Baayidan dhimmaa baqattootaa fi godaantotaa irratii akka xiyyeeffanaa kenuu ibsee biyyoottan walakkeesaa Amerikaa gargaaruudhaaf Doolaaraa Biliyoonii 1.2 ramaduu isaa beeksiseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG