Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yukreeniif Gargaarsii Dbalataa Akka Kennamuu Ibsamee Jira


FAAYILII - Pirezdaantii Yunaaytid Isteets Joo Baayiden, Ebla 19, 2022
FAAYILII - Pirezdaantii Yunaaytid Isteets Joo Baayiden, Ebla 19, 2022

Preezidaantiin Yunaaytid Isteetes Joo Baaydin gargaarsa nageenyaaf kan ooluu Doolaara Miliyoona 800 dabalataan Yukreeniif akka kennamu Kamiisa kaleessaa labsan.

Kunis meeshaalee waraanaa gurguddaa, kokolaataa waraanaa fi xayyaara nam-maleeyyii kan waraanaa dabalata jedhamee jira.Raashaan kutaa Daanbaas irratti qiyyaafachuun waraanuu kan feetu ta’uus, Meeshaaleen kun fedhii Yukreen kan deggeran ta’u Baaydin dubbatan.

Moskoon Yukreen gama bahaa keessaan tarkaanfii fudhattu jabeessuuf tooftaa kan jijjiirte yoo ta’u looltoonni Yukreen lakkoobsa isaanii kutaa Luhansk keessaa dabalaa jiru.

Prezidaant Baaydiin waa’ee deggersa kennamuu ennaa dubbatan Yukreen kutaalee Bahaa fi Donbaas keessatti dandeetti qabdu caalaatti jabeessuun akka waraantuuf Doolaara Miliyoona 800 dabalataan kennama

Kunis isa torban dabree akka kennamu labsamee Miliyoona 800tti dabalata.Gargaarsa maallaqaa Yukreeniif ooluu jedhamee dhiyaate Biliyoona 13.6 Baaydiin baatii Bitooteessa dabreee mallatteessuun gara seeraatti jijjiiran.Kana keessaa Biliyoonni 3.25 gargaarsa waraana Yukreeniif yoo ta’u Biliyoona hedduun immo dinagdee , gargaarsa dhala namaa fi gargaarsa nageeyaa kanneen biroof oola.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG