Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sirni Awwaalcha Ministirii Haajaa-alaa Yunaayited Isteets Duraanii Maadiliin Oolbrayit Geggeeffame


Pirezdaantii Yunaaytid Isteets Joo Baayiden sirna geggeessaa reefa Ministira Haajaa-alaaYunaaytid Isteets duraanii Maadiliin Oolbrayit irratti argamanii jiru, Ebla 27, 2022.
Pirezdaantii Yunaaytid Isteets Joo Baayiden sirna geggeessaa reefa Ministira Haajaa-alaaYunaaytid Isteets duraanii Maadiliin Oolbrayit irratti argamanii jiru, Ebla 27, 2022.

Sirnii Awwaalchaa Ministirii dhimmaa alaa Yunaayited Isteets duraanii Maadiliin Oolbrayit Roobii har’aa yemmuu kaatediraalaa Biyyoolesaa Waashingtoonti raawwatamu presidaant Joo Baayiden ulfinaa fi kabajaa isaniif qaban ibsaniiru.

Joo Baayiden dua’a Oolbraayit ilaalchisuudhaan ji’a darebe ibsaa kennaniin, "yemmuun waa’ee ishee yaaduu Amerikaan Biyaa hedduu barbaachistuu ta’uu irratii Amantaa isheen qabduun yaada," jedahniiru.

Ministirrii Dhimmaa alaa Antoonii Bliinken Qebxaa kaleessaa yemmuu Ministirii Dhimmaa alaa Reppaabiliik Chee Jan Lippaaviskii simatan ulfinaa Oolbraayitiif qaban Ibsaniiru.

Hojii waliin hojjachaa jirruuf yeroon kun barbaachisaadha. Asitii isin arguu keenyaa waan guddaadha. Wantii boroo isin as fidee sirnaa gegeesaa kabajamtuu muchaa Repabiliikii Chek, akka sumaaf Yunaayitid Isteets kan ta’an Maadiliin Ool braayiti. Nama gamoo kanaafii Raakaa kana keessatii heduu kabajamtuu ta’an. astii araagamuun keensan waan guddaadha." jedhaniiru Antoonii Bilinken.

Wagga 84 ti ji’a darbe kan boqotaniif dhalattuu Reepabliikii Cheek kan ta’an Maadliin Oolbiraayit bara 1996 yemmuu Prezidaantummaa Biil Kiliinten dubartii ministirii dhimmaa alaa US kan jalqabaa ta’uudhaan ministirii dhimmaa alaa biyyatti 64ffaa ta’anii tajaajiluun isaanii ni beekama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG