Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ajjechaa Gondar Keessaaf Kanneen Itti Gafaataman Murtiitti Akka Dhiyaatan Gaafatame


Magaala Gondar

Magaalaa Gonder keessatti ajjeechaa musliimota irratti raawwatameef qabeenyaa manca’eef kanneen itti gaafataman mootummaan murtiitti akka dhyeessu gumiin amantii Itiyoopiyaa gaafatee jira. Gumiin sun kaleessa ibsa baaseen waaltaaleen amantii biyya keessa jiran barbaachisummaa waliin jiraachuu akka barsiisan yaadachiisee jira.

Prezidaantiin gumii dhimmootii Islaamummaa naannoon Amaaraa Sheek Se’id Mehaammed kaleessa Rooyitersiif akka hianitti, Gonder keessatti hidhattoota eenyummaan isaanii hin beekamne waliin walitti bu’iinsa uumameen amantoonni musliimaa 20 ta’an ajjeefamaniiru.

Bulchaan naannoo Amaaree Dr. Yiliqaal keffaalee magaalaa Gonder keessatti kanneen ajjeechaawan kana raawwatn mootmmaan murtiitti ni dhiyeessa jedhan jechuu dhaan Mesfin Arage gabaaseera.

Yaadawwan Ilaali (6)

XS
SM
MD
LG