Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bosonni Naannoo Tigraay Mancau’uun Jireenya Hegeree Rakkoof Saaxiluun Ibsame


FAAYILII - Daa'ima taankii Humna Ittisa Itoophiyaa barbadaahe gubbaa haabbatu, Naanno Amaraa Muddee 7, 2022
FAAYILII - Daa'ima taankii Humna Ittisa Itoophiyaa barbadaahe gubbaa haabbatu, Naanno Amaraa Muddee 7, 2022

Gareen eegumsa naannoo kan Briteen tokko, waraanni naannoo Tigraay bosona dhabamsiisaa jira jechuun akeekkachiisee jira. Boba’aa argachuu akkasumas gargaarsi naannoo sana dhaqqabu murtaa’aa ta’uun dhalattoonni Tigraay mukkeen akka murtan dirqisiise. Hanqinni nyaataa naannoo sanaa duruu namoota qarqara beelaan ga’uu tokkummaan mootummootaa beeksiseera.

Gabaasi dhaaba bu’aaf hin hojjenne /garee walitti bu’iinsaa fi qilleensa naannoo to’atu/ kan Birteen keessaan ba’e akka jedhutti waraannii fi hanqinni gargaarsaa Tigraay keessaa qilleensa naannoo irra dhiibbaa kaa’uu dhaan lammiiwwan Tigraayiin kurna hedduuf rakkoo irra buusuuf deemma jedhee jira.

Mukkeetiin oomisha minaaanii akkasumas eegumsa biyyoof qooda ol aanaa qabu. Dhaaboliin gargaarsaa naannoon Tigraay hangi tokko duruu afaan beelaa bu’aniru jedhu.

Henrike Schulte barreessaa gabaasa sanaa fi London keessatti hayyuu saanyinsiii dhimma beeladaalee ti. Sababaa walitti bu’iinsaan bosonni sababaa lamaan manca’a jedhu.

Tokkoffaan bulchiinsi eegumsa naannoo diigamuu isaa ti. Fakkeenyaaf naannoon waraanni keessa jiru keessatti bakki eegamaa ture, eegumsa waan dhabuuf namoonni seenanii biqiltuwwan mancaasuu danda’u. fedhiin qabeenyaa alaa dabalaa waan dhufufeefis bosonni manca’uuf illee sababaa ta’a jedhan.

Schulte akka jedhanitti malli gaariin ittiin bosona manca’uun dhaabatu, walitti bu’iinsa dhaabsisuu dhaan, garuu sana iyyuu ta’ee miidhaan qilleensa naannoo irra ga’e jijjiiruuf kurnaawwan fudhata jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG