Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Baaydiin Yukreenfii Gargaarsa Haaraa Gaafatan


Prezidaantii Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden

Kongreesiin Yunaaytiid Isteetes gargaarsa dabalataa kan nageenyaa fi gargaarsa dhala namaa Yukreeniif oolu Doolaara Biliyoona 33 akka raggaasisuuf prezidaant Baaydiin Kamiisa kaleessaa gaafatanii jiru.

Gatii wal waraansii kun nu baasisuu salphaa miti. Garu weerarrii kun itti fuufnaan nutis akka ta’uuf karaa banna taanaan waan guddaa nu baasisuuf deema jedhan.Uummanni Yukreen akka biyya isaa kabajsiisuu gochuuf ykn Rashaan gocha gara jabinaa fi weerara Yukreen irratti gaggeessitu akka itti fuuftu gochuu keessaa filachuu qabna jedhan Baaydin.

Barreessaa dureen tokkummaa Mootummootaa Antoniyoo Gutarres Kamiisa kaleessaa Kiyaav keessa kan turan.Kan seera tumtoonni Amerikaa ehaman Doolaarrii Biliyoona 13.6 dhumuutti dhiyaatee jira jechuun kamiisa kaleessaa itti gaafatamtuun preesii kan masaraa Waayit Haawuus Jeen Saakii kamiisa kaleessaa dubbatan.

Grgaarsii haaraan gaafatamee kun Doolaara Biliyoona 8.5 deggersa dinagdeef Biliyoona 3 immo gargaarsa dhala namaaf akkasumas immo Doolaara Biliyoona 20 immo gargaarsa waraanaaf ta’uuf ibsamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG