Xurree ittiin seenan

Breaking News

Siviloonni Kaameeruun Hidhattoota Ajjeefaman Awwaalan


Faayilii: Kameeroon
Faayilii: Kameeroon

Kaameeruun kutaalee gama dhiyaa keessa maadhee riphxee looltootaa jiru irratti waraanni biyyatti haleellaa eega gaggeessee booda, siviloonni naannoo torban kana reeffa looltoota adda baatotaa hedduu walitti qabuun awwaaluu waraanni Kaameeruun ibsee jira. Waraanni Kaameeruun looltoota keenya qabatan ajjeessan jechuun Dubbii himaan garee adda baatootaa himatee jira.

Waraanni Kaameeruun kamiisa kaleessaa akka jedhetti, siviilonni hidhattoota adda baatootaa kanneen Guzaang keessatti waraana mootummaan ajjeefaman awwaalan.

Torban dabree gandeenii magaalaalee kutaa kama Kaaba dhiyaa jiran 6 keessatti haleellaa gaggeessuu isaa kan ibsu waraanni biyyatti, iddoo sanatti hidhattonni adda baatootaa siviiloota haleeluu fi dorsisaa turan jedha waraanni biyyatti.

Angawoonni Kaameeruun adda baatoota afaan Ingliffaa dubbatan kan biyyatti namoota butanii gumaa gaafatu jechuun kan himatan yoo ta’u,Traafikii jeequun gamoolee tajaajiila uummataa kan mootummaa waaltaa isa Yaahundee keessaan to’atamuu haleelan jedhu.

Haleellaa Kanaan, hidhattonni 40 caalaa fi Nutii Jeneeraaloota adda baatootaa ti kan ofiin jedhan 3 ajjeefamuun ibsamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG