Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ayyaanni Fichee Cambalaalaa Kabajamee Jira


Ayyana Fichee Cambalaalaa
Ayyaanni waggaa haaraa kan saba Sidaamaa Fichee cambalaa har’a hawaasaa cinatti kan argamtu bakka aadaa Gudumaalee Songoo jedhamtuutti har’a kabajamee jira.

Ayyaanni kun erga weerarrii dhukkuuba kooviid dhufee as yeroo duraaf waltajjii irratti kan kabajamee yoo ta’u Itaamaajoor shuumiin humnootii waraana Fiild Maarshaan Biraanuu Julaa dabalatee aangawoonni sadarkaa olaanaa kan mootummaa irrattia argagamanii jiran.

Sirnii ayyaana kanaa nagaan xumuramuu isaa polisiin magaalaa Hawaasaa kan ibsee yoo ta’u guyyoota dhufan 15f kabajamaa kan turu ta’uun ibsamee jira jechuun yonaataan Zabdiwoos Hawaasaa irraa gabaasee jira.

Yaadawwan Ilaali (2)

XS
SM
MD
LG