Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gargaarsii Dhala Namaa Tigrigraay Seenee Jira:Mootummaa


Ambaasaadder Diinaa Mufti
Ambaasaadder Diinaa Mufti

Murtiin walitti bu’iinsa dhaabuu eega labsamee booda kokolaataan gargaarsa dhala namaa fe’an 146 bulchiinsa naannoo Tigraay seenuu isaanii mootummaan Itiyoophiyaa beeksisee jira.Gama kaaniin gargaarsii dhala namaa Tigraay dhaqqabaa jiru akkaan xiqqaa ta’u hogganoonni Adda Biisummaa Uummata Tigraay(ABUT) ibsaa jiru.

Dubbii himaan ministrii hajaa alaa Itiyoophiyaa Amb. Dinaa Muftii ibsa kennaniin, hojjatonni gargaarsa dhala namaa dhorkaa tokko malee bulchiinsa naannoo Tigraayti akka sosso’an ehamamuu isaa ibsanii garuu gama dhiyeessii gargaarsa dhala namaan hanqiinni jira jedhan.

Gargaarsa dhaqqabsisuuf jecha haala mijeessuuf ABUT bulchiinsa naannoo Afaar keessaa bakka qabatee jiru irraa ba’u kan ibsee ta’uus Amb. Dinaan garu kun sobaa, inumaayyuu ABUT haleellaa banuuf fedhii qaba jechuun dubbatan.

Dhimmi biraa Amb. Dinaan kaasan lammiwwan Itiyoophiyaa Saa’udii keessatti rakkataa jiran gara biyyaatti deebisuuf hojiin gaggeeffamu itti fufee akka jiru, haNga ammaatti lammiwwan 15,300 deebifamuu ibsa.

Imaltuu guddicha Idii hanga Idiitti jedhamuuf waamicha gara Itiyoophiyaatti akka dhufaniif dhiyaatee simachuun lammiwwan biyyatti seenen qophilee adda addaa irratti hirmaataa akka jiran akkasumas afeerraan akkasii ayyaanoota kanneen biroo irrattis akka itti fufuu dubbatan jechuun Keeneedii Abaate gabaasee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG