Naannoo Benishaangul Gumuz, aodina Matakkal, aanaa Dibaaxii keessatti torban kana keessa namootni 100 caalan hidhaman jechuun maatii fi jiraattota keessaa hagi tokko sagalee Ameerikaatti himan. Gurmuu hidhattootaa Mootummaan “Shanee” jedhu, kan “Waraana Bilisummaa Oromoo” jedhee of waamu deggeran jedhamanii shakkamuun akka hidhamanillee dubbatan. Ministirri Tajaajila Komunikeeshinii Federaalaa Doktor Laggasa Tulluu, “Mootummaan naannolee nageenyi dhabametti tarkaanfii ni fudhata” erga jedhan booda, “Garuu, arkaanfii fudhatamu kanaan namootni nagaa akka hin miidhamne, raqaadhaan qulqulleeffama,” jechuun ibsan.
Yaadawwan Ilaali (7)
Already have an account? Log in
Not a registered user? Sign up
Yaada dabalataa fe'adhu