Xurree ittiin seenan

Breaking News

Antoniiyoo Guuterees Biyyoottan Afrikaa Sadiif Waamichaa dhiheesan


Muummicha barreessaa tokkummaa mootummootaa Antoniyoo Guteres
Muummicha barreessaa tokkummaa mootummootaa Antoniyoo Guteres

Barreesaan Muummee dhaabbata mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Guterees, Mootumoonii loltootaa Burkina faasoo, Giinii fi Maalii keessatii fonqolchaan anngoo qabatanii jiraan aangoo dabarsanii siviilotatti akka kennan sambataa kaleessaa waamichaa gochuun isaanii gabasameeraa.

Guterees prezidaantii Seenegaal fi yeroo ammaa durataa’aa garee biyyootan Afrikaa lixaa ECOWAS kan ta’an MaakiiSaal Waliin Daakaar keessatti marii taasisan irratti akka dubbatanitti biyyoottan sadan akka garaa bulchiinsaa heeraatti deebi’anf mariin akka itti fufuu qabu Maak Saaliin walii galuu isaanii ibsaniiru.

Biyyottan sadanuu yeroo amma hidhattoota amantaa musiliimaa hordofanii wajjin walwaraansaa irraa jiran, dhiheenyaa kanaa as fonqolchuun aangoo biyyoottan keessatti raawwatamaa jiruudha.

Maalii keessatti Hagayyaa 2020 fi Caamsaa 2021, Giiniitti Fulbaana 2021,Burkiinaa faasootti Amajii 2022 loltoonii fonqolchuu aangoo raawwatanii aangoo mootummaa qabachuun isaanii ni beekama.

Gareen walti dhufeenyaa diinagdee biyyootan Afrikaa lixaa ECOWAS mootummaa loltootaa biyyottan sadan kana irraatti qoqqobii cimaa labsee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG