Mootummaan loltootaa biyyaa Chaad marii siyaasaa hundaa hirmaachisaa ta’ee paartiilee mormitootaa fi hidhattoota waliin taasisuudhaaf karoorfatae Yeroo biraatii dabarsuun isaa ibsetti, gareewwan siyaasaa biyyatti magaalaa Dohaa keessatti walgahanii akka jiran Ajaans Fraans Prees (AFP)n gabaaseera..
Wagga dheeradhaaf Chaadiin bulchaa kan turan Idiris Deebii erga du’anii boodaa kana aangoo qabatan ilmii isaanii Mahaamat Idris Deebii bara kana filannoo bilsa ta’e geggeesuudhaaf waadaa seenan irraa ka’uudhaan filannoodhaan duraa marii biyyaalessaa taasisuu waan barbaadaniif marichaa Caamsaa 10 taasisuudhaaf karoora baafatanii turan.
Haa ta’u malee, marii biyyaalesaatiin dura marii biro dhaabbilee siyaasaa biroo waliin taasisuudhaaf jechuudhaan bakka bu’oonii garee 40 ol ta’anuu gara biyyaa Kuwaataar magaalaa Dohaatti ergamanii jiru.
Yaadaa waliigalaa madaalawaa te’e irraa akka gahuun danda’muu gochuudhaan garaa marii guutuutti akka ce’amuu biyyii jaarsummaa qopheesite Kuwaatar hawii qabaatus Wareewwan mariidhaaf gara biyyatti deeman amma ammaatii hoteelotaa qaqqaalii keessatti bashananuu irraa kan hafee fuulleetti wal arganii akka marii hin jalqabnee gabaasnii Ajaans Fraans Prees ibseeraa.