Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchaan Aanaa Daraashee hidhattootaan Ajeefaman


Naannoo Aanaa Daraashee

Naannoo bulchiinsaa sabaa fi sab-lammii ummatoota kibba Itiyophiyaa aanaa addaa Darashee keessatii , bulchaa aanichaa dabalatee namoonii Sadii hidhattoota seeraan alaatiin ajeefamuu isaanii Yoonaatan Zebdiyoos komoshinii poolisii naanichaa wabefachuudhaan gabaasserra.

Komishineriin Komoshinii poolisii naanichaa Alamaayyehu Maammoo akka VOAtti himanitti, hidhattootaa kanaa kana ajeefaman bulchaa aanaa obbo Chaabernaa Asfawu, itti gaafatanaama misoomaa qurxummii fi beellada anichaa Doktoor Taadelee Taarikuu, akkasumaas qotee bultoonii birooti.

Turban darbee jalqabee aanaalee Konsoo fi Daraashee keessatti walti bu’insaa adeemaa jireen namoonni hedhuun du’anii, jiraattonni kuma 10 ta’an qe’ee isaanii irraa buqauu isaanii gabbasni Yoonaatan Zebdiyoos Hawaasaa irraa qindeesse ibseera.

Yaadawwan Ilaali (3)

XS
SM
MD
LG