Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Ayyaaneffannaa ID Al Faxir ka Magaalaa Finfinneetti Jeeqama Ka’etti Namoonni Shakkaman 76 Qabamuun Himame


Jeeqama Ayyaana ID Irratti Uumamee
Jeeqama Ayyaana ID Irratti Uumamee

Ayyaana Id Al Faxir ka magaalaa Finfinneetti ayyaaneffame irratti kanneen hookkara kakaasuutti adda-durummaan shakkaman namoonni 76 to’annaa jala galfamuu isaanii Gareen hojii Gamtaa nagaa fi tasgabii beeksise, jechuudhaan Dhaabbatni Preesii gabaasee jira.

Akka ibsa bahe kanaatti Ayyaanni waggaa kuma 1 fi 443ffaa Id Al Faxir magaalaa Fifinnee keessatti sagantaa bal’aadhaan dabaalamee ka geggeeffame yoo tahu, kanneen seera amantichaa tii ala jeeqamaa kaasuu kaayyeffatan namoonni dhuunfaa fi gurmuuleen, sababaa ittiin ka’umsa tahuu hin malleen, Isteediyeemii dhaa ala, bakka Muuziyeemii Yaadannoo Wareegamtoota Hookkara Diimaa jedhamee waamamuun baratame cinatti hookkara kaasaniin humnoota nageenyaa fi qabeeenyaa irra ka miidhaan gahe yoo tahu, kanneen gochaa kanatti adda-durummaam shakkaman namoonni 76 hidhaman, jechuun Gareen hojii Gamtaa nagaa fi tasgabii beeksise jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG