Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaa Humna Waraana Maalii Walii-galtee Faransaay Waliin Qabu Haquu Isaa Beeksise


Loltuu Faransaay hilikooptara irraa naannoo Barkihanee hordofaa jiru, Maalii, EblaA 14, 2022.
Loltuu Faransaay hilikooptara irraa naannoo Barkihanee hordofaa jiru, Maalii, EblaA 14, 2022.

Mootumaan loltootaa yeroo amma biyya maalii bulchaa jiruu walii galtee ittisaa Fraansii wajjin qabu addaan kutuu isa aibsee jira. Dubbii himaan Mootumichaa Koloneel Addoulayii Mai’agaa ibsaa guyyaa kaleessaa kennaniin mootummaan isaanii walii galtee mootummaa Fraansii wajjin Adoolessaa 16 , bara 2014 taasise haquu isaa akkka beeksise gabasameera.

Akka dubbii himichii dabalanii jedhanitti, Fraans ji’a guraandhala akeessa waraana ishee Maalii keessaa baasudhaaf murteesitus ammayyuu umnoonnii Fraans daangaa qileensa maalii keessa seenuudhaan akka birmadummaa biyyatii dhiibaa jiran dubbataniiru. Ibsa mootummaan Maalii baase kana irratti amma gabaasin kun qophaa’eti Fraans irraa deebiin kennamee hin jiru.

Mootummaa Loltootaa Maalii erga Hagayyaa 2020 umnaan aangoo qabatee kaasee waltidhufeenyii Fraansii fi maalii muddama keessa galuun isaa gabaasameera

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG