Sababa du’iinsa qondaalaa waraanaa duraanii Meejer Jeeneraal Gebremedihiin Feqaaduu ilaalchisee gabaasaa haakimootaa eegachaa akka jiru Mootummaan Itiyoophiya ibsuun isaa gabasamrrea
Dhimma kana irratti Gabaasaan VOA Ekindi ferewu kan haasofsiise De’eetaan ministiraa Feqaaduu Tsaggaa, Sadasa 2020 kaasee mana hidhaa keessaa kan jiran Jeeneraal Gebremedihiin dhukubsachuu isaanii akka odeeffannoo hin qabnee, himaniiru. Jeneraal Gebremedihiin Feqaadu yemuu Maqalee keessatti waraanni TPLF waraanaa Feederaalaa irratti tarkaanfii fudhate, akka walquunamitiin raadiyoo waraanaa addan citu taasisaniiru jedhamuudhaan himatamanii mana hidhaa keessa jiraachuun isaanii ni beekama.