Xurree ittiin seenan

Breaking News

Poopiin Waldaa Kaatoliikii  Vilaadimiir Putiin Wajjiin  Haasa’uu Akka Dedhan Dubbatan 


Hogganaa waldaa kirstaanaa kaatoliikii Poop Fraansiis Caamsaa 1, 2022. (Suuraa vaatikaan irraa karaa Rooyters)
Hogganaa waldaa kirstaanaa kaatoliikii Poop Fraansiis Caamsaa 1, 2022. (Suuraa vaatikaan irraa karaa Rooyters)

Hogganaan walda akirstaanaa kaatoliikii Poop Fraansiis Presidaantii Raashaa vilaadimiir putiin wal arguudhaaf gaafii dhiheesaniif akka deebi ihin arganne dubbachhuun isaanii beekameeraa.

Poop Fraansiis ,Erga Raashaan yukreeniin weerartee Torban sadii boodaa karaa dipiloomaatotaa Vaatikaaniin pezidaantii Raashaa wajjin walarganii akkaataa walwraansa dhaabuu irrati ihaasa’uudhaaf gaafatanus amma ammaatti debii akka hin argganne, baruulee biyyaa Itaaliitti maxxanfumu Kuriyeer Deelaa seeraa jedhahmuu wajjin gaaffi fi deebii taasisaniin ibsaniiru.

Poop Fraansiis gaaffii fi deebii kana keesaatii ,vilaadimiir Putiin Caamsaa 9,2022 waraanaa xumuruudhaaf akka karoorfatan Muumee ministiraa biyyaa Hangaarii Viiktor Orbaan irraa dhagauu isaanii akka ibsan gabasameraa. Caamsaan9 bara 1945 guyyaa Raashaan Umnoottan Naazi iirratti injifannoo dhumaa galmeesitee ta’ee beekamaa.

Yemoo Raashaan Yuukireen irraattit waraanaa jalqabdee Poop Fraansisi Embaasii mootummaa Raashaa isa magaalaa Room keessatti Argamu dhaquun isaanii ni yaadatama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG