Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koriyaan Kaabaa Misaa’eel Furguggisuun ishee Biyyoota Ollaa Irraa Balaaleefannaa Kaasisee Jira


Namoota misaa’eela furguuggame TV irratti laalan, Ebla 26, 2022
Namoota misaa’eela furguuggame TV irratti laalan, Ebla 26, 2022

Koriyaan kaabaa misaa’eela Baalistiik har’a kan furguggiste yoo ta’u, Jaapaan fi koriyaan kibbaa akka gabaasanti, dhuukaas yaaliif yeroo adda addaa gaggeesitu keessaa inni ammaa kun biyyoota ollaa koriyaa kaabaa mufachisee Amerikaa biraa balaaleeffannaa jabaa hordoofsisee jira jedhu.

Waraannii Koriyaa kibbaa akka jedhutti koriyaan kaabaa dhukaas misaa’eela Baalistiik kana naannoo Sunaan jedhamu kan cina magaalaa Piyoong yang jiru irraa gaggeesite.

Iddoon kun dirree xayyaaraa guddicha kan biyyatti cinatti kan argamu yoo ta’u, dhuukaasii dhiyeenya kanaa martii achii gaggeeffama jedhan.

Misaa’elli har’a kun fageenya kiloomeetra 470 kan furguggiifame ta’u fi lafa irraa ol fageenya kiloomeetra 780 ta’u odeeffannoon koriyaa kibbaa biraa argame kan ibse yoo ta’u odeeffannoo Jaapaan laattees wal fakkaataa dha.

Lakkoobsii kunis missa’eelichi kan lafa fagoo deemu akka hin taane ibsa jedhameera.Koriyaan Kaabaa waan akkasii gaggeessuuf akka jirtu dursitee midiyaa ishee irratti kan hin labsiine yoo ta’u erga raawwattee guyyaa tokko booda ifa gooti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG