Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaliyaa keessatii Ajjeechaa Loltoota Irratti Raawwatame US fi Gamtaan Afrikaa Balaaleffataniiru


Faayilii : loltoota Al-Shabab

Somaliyaa keessatti haleellaa gareen Al Shabaab loltootaa naga eegdotaa gamtaa Afrikaa irratti raawwatee gamtaan Afrikaa, US fi mootummaan Somaliyaa balaaleffataniiru.

Hayya dureen komiishiinii Afrikaa Muusaa Faakii Mahaamat balaa qaqqabe sanaan lubbuu isanii kan dhaban loltootaa lammii Burundiitiif gaddaa itti dhagahamee ibsanii , haleellaan suukanneessaan akkanaa gargaarsaa gamtaan Afrikaa somaliiyaadhaaf taasisuu hirdhisuu akka hin dandeenyee himaniiru.

US, karaa embaasii ishee moqaadishootti argamuun,maatiwwaan loltootaa haleellaa sanaan ajeefamaniif gadda ishee ibsitee loltoonni madaa’anis dafanii akka dandamatan hawii qabduu ibsuun ishee gabaasameera.

Prezidaantii burundii Evariste Ndayishimiye fuula Tiwwitarii irratii yaadaa kennanii gochaa raawatamee jechaa ittiin balaaleffatan akka hin qabnee dubbatanii, maatiiwaan ijoolee isaanii dhabaniif gadda itti dhagahamee ibsaniiruu.

Ministeerrii dhimmaa alaa Somaliiyaa gamaa isaatiin,haleelicha balaaleffatee,hawaasiin adduunyaa umna nageenyaa Somaaliyaa fi umnootaa gamtaa Afrikaatiif deggersaa taasisu akka dabaluu qabuu gaafataeera.

Haleellaa jalqabaa torban kanaa magaalaa Moqaadishoo irraa kiiloo meetirii 150 fagaatee jiru fi bakka El Baaraaf jedhamuutti kan argamuu mooraa waraanaa gamtaa Afrikaa irratti haleellaa Al shabaabiin raawwatamee kanaa loltoonii lammii Burundii 30 du’anii 20 kan ta’an immoo madaa’uu isaanii maddeewan ifa hin taane VOA kutaa Afaan Somaliyaatii kan himan yemmuu ta’u, Mootummaan Burundii gama isaatiin ibsa baaseen loltoonii 10 du’anii 25 mada’uu isaaniitiif 5 immoo dhabamuu isaanii ibseeraa. Hidhattoonni Al shabaab 20 ajeefamuu isaaniis ibsii mootummaa Burundii kun eereera.

Halellaa kanaaf itti gaafatamumaa kan fudhatee garee Al shabaab loltootaa 170 ol ajjeeseera jechuun isaa gabaasameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG