Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gamtaan Awurooppaa Raashaa Akka Adabu Dhaadate


Faayilii: Prezidaantii Komiishina Awrooppaa Ursula von der Leyen
Faayilii: Prezidaantii Komiishina Awrooppaa Ursula von der Leyen

Akka gargaarsii meeshaa waraanaa biyoottan lixaa yuukreeniif ergaa jiran galuu hin dandenye gochuudhaaf yemmuu Raashaan buufatalee baaburaa fi karaa meshaan itiin galuu danda’u biroo irratti haleellaa cimaa raawwachaa jirtu kanatti, gamtaan Awurooppaa qoqqobbii haaraa Raashaa irratti labsuu isaa prezidaantiin Komishiinii Awuroopaa Ursulaa, Voon Deer Liiyeen ibsaniiru.

Voon Deer Liiyeen Fraans Magaalaa Straasboorg keessatti haasaa paarlamaa Awuroopaatif taasisaniin, biyyoottan miseensa gamtaa Awurooppaa ji’ootaa Jahaan dhufan keessatti jikitaa boba’aa Raashaarraa galchuu dhaabuudhaan, dhumaa wagga kanaa keessaa boba’aa Calalamee biyyaa biraatii galchanii akka itti fayyadaman dubbataniiru.

Qoqqobbiin gamtaa Awurooppaa haaraan, baankii Raashaa guddichaa Sberbank Jedhamu gabaa maalaqa aduunyaa keessaa baasuu, ajajootaa ol aanoo waraana Raashaa wareen magaalotaa yuukreen Buuchaa fi Maarii’upool keessatti yakkaa waraanaa raawwataniiru jedahman addaan baasuu dabalatee waan ja’a akka of keessaa qabuu prezidaantin Konishiinii Awurooppaa ibsaniiru.

Qoqqobbichii akka hojii irraa ooluuf biyyoottan gamtaa Awurooppaa sagalee guutuudhaan tole jechuu gabu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG