Xurree ittiin seenan

Breaking News

Antoonii Biliinken Koovidiin Qabaman


Faayilii: Ministrii dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinken
Faayilii: Ministrii dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinken

Ministirrii Dhimmaa alaa yunaayitid Isteetes Antoonii Bliinkeen Roobii kaleessaa waan Vaayirasiin Koroonaa isaan irratti argameef namoottan irraa addaan bahanii mana isaanii keessaa akka jiran ministeerrii dhimmaa alaa beeksiseera.

Biliinken talaallii marsaa sadaffaa fudhacuu isaanii kan hime ibsii ministeerichaa dhiheenyaa kan prezidaantii Bayyideniin akka wal hin argiinee ibseeraa.

Biliinken ittu Vaayiresichii isaan irratti hin argamin duraan, Roobii kaleessaa Ministirii dhimmaa Alaa Siwuudin Aan Liindee wajjin, guyaa qibxataa immoo gitaa isaanii kan biyyaa Meeksikoo Maarseello Ebiraard wajjin wal arguun isaanii beekameera. Maarseeloo Ebiraard erga Biliinkeeniin wal arganii boodaa qorannoo Cooviid( PCR) taasisuu isaanii fuulaa tiwutarii isaanii irratti ibsaniiru.

Bilinken kamisa har’aa haasaan bulchiinsa Chaayiinaa ilaalchisee gochuudhaaf turan yeroo biraatti darbuun isaa ibsameeraa.

Itti aantuun prezidaantii yunaayitid Isteets kaamiilaa Haarsii fi Afaan yaa’ii mana maree bakka bu’ootaa Naansii peeloosii dhiheenyaa kana vaayiresii koroonaatiin qabamuun isaanii gabaasamuun isaa ni yaadatama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG