Xurree ittiin seenan

Breaking News

Imaammata Biyyoota Gama Dhiyaatu Tarkaanfii Fudhanneef Sababaa Ta’e: Putiin 


 Prezidaantii Raashaa Vlaadmiir Putiin waggaa Naaziin Jarmanii itti injiifatamee waggaa 77ffaa Moskoo keessatti har’a ennaa kabajameetti, Camsaa 9, 2022. (Sputnik, Kremlin Pool Photo via AP)
Prezidaantii Raashaa Vlaadmiir Putiin waggaa Naaziin Jarmanii itti injiifatamee waggaa 77ffaa Moskoo keessatti har’a ennaa kabajameetti, Camsaa 9, 2022. (Sputnik, Kremlin Pool Photo via AP)

Tarkaanfiin waraanaa Raashaan Yukreen keessatti fudhataa jirtuuf sababaan, imaammata biyyoota gama dhiyaa waan ta’eef jecha, tarkaanfii fudhachuuf dirqamne jechuun Prezidaantiin Raashaa Vlaadmiir Putiin dubbatanii jiru.

Putiin kana kan dubbatan waggaa Naaziin Jarmanii itti injiifatamee waggaa 77ffaa Moskoo keessatti har’a ennaa kabajameetti ture.

Looltoonni toora isaanii akkaan eeggatanii hiriiran waltajjii Dimaa jedhamee waamamuu irratti tartiibaan kan darban yoo ta’u kun waggaa waggaan guyyaa injifannoo gaggeeffamuu fi baratamee dha.Taankilee, konkolaataaa sibila uffatan kanneen meeshaan waraana irratti fe’amee, akkasumas kanneen misaa’eela Baalastiik kan ardiwwan keessa deemuu danda’uu fe’atanii mul’atan.

Garu ayyaanni kun inni baranaa Raashaaf hiika addaa qaba.Prezidaant Putiin ayyaana injifannoo har’a kana irratti haasawaa dhageesisaniin, waraannii isaanii Red Armii jedhamu duula waraanaa humnootii Naazii irratti gaggeessee fi amma immi humnootiin Raashaa tarkaanfii Yukreen keessatti fudhataa jiru giddu irratti ibsan.

Guyyaa injifannoo guddaa kanatti baga gammaddaniin isiniin jedha. Yeroo carraan biyya keenyaa kanneen biroon murtaa’uuf deemu waraanni biyya keenyaa kana ittisuuf jecha waraanuun isaa eebbifamaa dha jedhan.uummata keenya Donbaas keessaaf akkasumas nageenya biyya keenyaa Raashaaf waraanaa jirtu.

Putiin weerara Yukreen keessatti gaggeessaa jiran biyyatti Naazii irraa walaba gochuuf kan gaggeeffamu jedhan.Yukreenii fi biyyonni gama dhiyaa garu Outiin duula waraanaa sababaa hin qabnee tuttuqqaan lafa jin turreetti labsee jedhu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG