Walwaraansa keessaa kan jiran Raashaan fi Yuukreen walii galtee dhukaasaa dhaabuu taasisanii gara mariitti adeemuu akka qaban gochuun barbaachisaa akka ta’ee muummeen ministeeraa Itaalii Maariyoo Diraaghi dubbachuun isaanii ibsameeraa.
Qibxata kaleessaa prezidaantii Yunaayitid Isteets Joo Bayidanii wajjin masaraa waayit Haawus keessatti kan maryatan muumiichii ministeeraa mootummaa Itaalii, akkaataa dhukaasinni dhaabbatee mariin Kanaan duraa adeemaa ture itti fufuu danada’u irratti hojjatamuu akka qabuu hubachiisaniiru.
Haanga’aa ol aanaa tika Yunaayitid isteets kan ta’an Avriil Hayines yeroo ammaa Raashan fi Yuukreen akka moo’chaa argaachaa jiran waan ibsaa jiraniif garraa dhukaasaa dhaabuutti adeemuudhaaf waan fedhii qaban hin fakkaatuu jedhanii dubbachuun isaanii gabaasameeraa.
Karaa biraatiin, barreesaan muummee dhaabbata mootummoota gamtoomaanii Antooniyoo Guutereese Roobii harra’aa Veeyinaa keessatti ibsaa kennaniin yeroo ammaa carraan waliigaltee nagaa buusuu Yuukreen keesaa akka hin jirre dubbatanii , haa ta’u malee wal waraansichaa dhaabudhaaf yeroo kamuu yaaliin akka addaan hin cinnee ibsaniiru.