Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daanga eegdonii Ispeen godaantota galaana irraa baraaruu ibsan


FAAYILII - Daanga eegdonii Ispeen godaantota yero gara hilikooftarii geessan, Sadaasa 30, 2018
FAAYILII - Daanga eegdonii Ispeen godaantota yero gara hilikooftarii geessan, Sadaasa 30, 2018

Daanga eegdonii Ispeen godaantotaa bidiruudhaan galaana Atilaantikiin qaxxaamuranii garaa Awurooppaatti imalaa turan 71 guyyaa kaleessaa baraaruun isaanii ibsameera. Naannoo oodola galaanaa Atilaantik irratti argamtu Graan Kaanariyaa ti kan argaman godaantonii kun dhiirotaa 55 fi dubartootaa 16.

Wixata dhiingaddaas helikoopteroonii daanga eegdotaa ispeen lama naannoo oodola Kaanarii jedhamuutti godaantotaa 13 baraaruun isaanii beekameeraa.

Daangaa biyyaa Afrikaa kaabaa Moorookoo irraa kiiloomeetirii 96 kan fagaatu oodollii Kanaarii bakka godaantonni Afrikaa irraa garaa Awuroopaatti imalan itti argaman akka ta’e gabaasinii ibse,

Wagga darbee godaantonni garaa ispeeniti ce’udhaaf yaalaa turan 4,400 galaanaa keessatti nyaatamanii hafaniiru. Bara 2921 godaantonni 22,316 bidruudhaan galaanaa qaxxamuruudhaan akka oodola kaanaarii gahuu danda’an ibseera. Bara 2020 godaantonni galaanaa qaxxaamuruu danda’an 23,271 akka ta’an gareewwan imalaa godaantotaa hordofan ibsuun isaanii gabaasameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG