Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoonnii Tigraay Keessaa Beela Baqatan Magaalaa Soqoxaa Seenaa Akka Jiran Gabaasame


Namoota Tigraay Keessaa Beela Dheessuun Soqoxaa keessa jiran
Namoota Tigraay Keessaa Beela Dheessuun Soqoxaa keessa jiran

Rakkin beelaa Tigraay keessatti hammaachaa jiruun kan ka’e jiraattonni ijoollewan isaanii dhiisanii garaa magaalaa bulchiinsaa naanno Amaaraa keessa jiru Soqoxaatti baqachaa jiraachuun isaanii gabaasameera.

Magaalaa Soqoxaatti argamuudhaan gabaasnii Henerii Wiilkins VOA dhaaf qindeesse akka ibsetti, namoonni kumaatamaan lakkaawaman sababa waraanaa fi beelaatiin Tigraay keessaa buqa’an magaalaa Soqoxaa keessatti argamu.

Dhaabbilee gargaarsaa kan waabeffatee gabaasnii kun, yeroo amma Tigraay keessatti namoottan kuma 700 ta’an haala beelaa keessaa akka jiran ibseera. Daa’imman 1900 ta’an immoo beelaan walqabatee du’uu isaanii haanga’oonni dhaabilee fayyaa ibsuun isaanii beekameera.

Abbaa ijoollee 6 kan ta’n fi maatii isaanii dhiisanii gara magaalaa Soqoxaatii kan deeman obboo kaasahuun Baayee VOAti yemmuu dubbatan,

Maatiin isaanii waan nyaatan akka hin qabnee akka beekan ibsanii, Maatii isaanii boodaati dhiisuun isaanii hameenyaaf akka hintaanee himan. Garuu haalii jiru waan isaan gichuu danda’anuu ol ta’uu isaa dubbatan.

Gaazexeessonii Tigraayiin seenuu waan hin dandeenyeef haala achi jiru guutummaatti ibsuun akka hin mijoomne kan eeree gabaasiinii Henerii Wiilkins, namoottan Tigraay keessatti rakkina beelaatf saaxilamanii jiran akka bahu danda’an karaan saaqamuuf qaba jechuudhaan gareewwan gargaarsaa gaafachaa jirachuu isaanii ibseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG