Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Qonnaan Bultootaaf Deggersa Laatan


Prezidaant Joo Baayiden Qonnaan Bultoota Biyya Isaaniif Deggersa Kennan
Prezidaant Joo Baayiden Qonnaan Bultoota Biyya Isaaniif Deggersa Kennan

Waraanni Yuukreen keessatti taasifamaa jiru raabsaa omishaa waan jeeqeef adduunyaa irratti gatiin midhaan nyaataa dabaluu isaa Prezidaantiin yunaayitid Isteets Joo Baayiiden Roobii kaleessaa yemmuu jaarmiyaa qotiinsaa kutaa biyyaa Ilinooy keessatti argamuu daawatan dubbachuun isaanii gabaasameera.

Umnaa omishaa Industirii qotiinsaa Amerikaa ol kaasuudhaaf tarkaanfii fudhatamuu qabuu kan ibsan Joo Bayiiden rakkin sadarkaa aduunyaatti dhalate kanaaf Prezidaantti Raashaa Vilaadimiir Putin balaaleffachuun isaanii ibsameeraa.

Kun sobanii jajuu miti. Isin dhugaadhumatii lafee dugdaa biyyaa kanaati. Weerara putiin yuukreen irratti taasisan irraa ilaalaa jirra. Isin akka lafee dugdaa bilisummaati jedhan Joo Baayiiden.

Akkaataa qonnaan bultoonni Amerikaa waggaatti al lama omishuu danda’an gochuu dabalatee , tekinoolojii ittu xaa’oo hedduu hin barbaadin omishiisuu danda’u hojii irra oolchuudhaf, omisha xaa’oo biyyaa keessaa dachaadhaan dabaluudhaaf mootummaan isaanii Doolaaraa Miiliyoonaa 500 ramaduu isaa Baayiiden ibsuun isaanii beekameera.

Weerarrii Raashaan Yuukreen irratti taasfte torban 11 yemuu ta’ee kanatti omishaa fi raabsaa Qamadii, Boqqolloo,Garbuu, Zayta nyaataa fi Xaa’oo irratti rakkina waan umeef adduunyaa irratti gatiin midhaan nyaataa dhibbeentaa 13 dabaluu isaa waayit haawus ibsuun isaa gabaasameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG