Kooriyaan kaabaa wagga tokko keessatti yeroo 16faadhaaf guyyaa har’aa yaalii dhukaasa misaa’ela balaastiikii fageenyaa gabaabaa Sadii taasisuun ishee beekameera.
Biyyii olaa ishee kooriyaan kibbaa ergaa prezidaantii haaraa filatte torbam keessaatti dhukaasnii misaa’elaa piyoongyaang raawwatte dubbii barbaachaa akka ta’e kan himan haaga’oonii waraana kooriyaa kibbaa, misaa’eloonni guyyaa hara’aa furgugeeffaman kiiloomeetirii 90 ol gugatanii ergaa dalaga galanii boodaa kiilomeetrii 360 furgugga’anii galaanaa keessa bu’uu isaa ibsaniiru.
Kooriyaan Kaaba Eeblaa 7s doonii galaanaa jalaa irraa yaalii walfakkaataa taasisudhaan ollaa ishee kooriyaa kibbaa daldhanssisuun ishee niyaadatama.
Dhaabbata mootumoota gamtoomaniitti Ambaasadarrii kooriyaa kibbaa Choo Hayun, kooriiyaan kaabaa akka meeshaa nuukleeraa hin hidhanne taasisuun mirkana’uu akka qabuu walgahii mana maree nageenyaa dhaabbatichaa irratti gaafachuun isaanii beekameera.