Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gargaarsii Kooviid 19f taasifamu akka itti fufu Joo Baayiiden gaafatanii jiru.


prezidaantii Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden
prezidaantii Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden

Gargaarsii Kooviid 19f taasifamu akka itti fufu Joo Baayiiden gaafatanii jiru. Lammiileen Yunaayitid Isteets dhibee kooviid 19n du’an miiliyoonii tokko gahuun isaanii yemmuu baramee kannatti mannii maree bakka bu’otaa mootummaa biyyatii qorannoo, talaallii dhaa fi waldhaansaa ramaddii bajataa akka itti fufu prezidaant Baayiden gaafataniiru.

Namoottan dhibee kanaa du’an miiliiyooniin tokko akka bakka buufamuu hin dandeenyee kan dubbatan prezidaant Baayiden firoottan namoottan du’anii akka jajjabaatan gaafataniiru.

Yunaayitid Isteets keessatti namoonii vaayrasii koroonaatiin qabaman miiliyoonii 82 ta’uu isaanii wiirtuun too’annoo fi ittisa dukubootaa daddarboo (CDC)n beeksiseeraa.

Yeroo ammaa namoonii vayiresii koroonaatiin qabamaa jiraniif hospitaala seenaa jiran dabalaa deemaa jiraatus lakkoofsii namoottan dhibee Kanaan du’anii garuu yeroo biraa irraa gadii bu’aa akka ta’e ibsameera. Ji’a Guraandhalaa darbe keessaa guyyaatti namoonii 3000 vayiiresichaan qabamaa kan turan yemuu ta’u, yeroo ammaa lakkoosii sun gara 300 ti gadi bu’uun isaa gabaasameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG