Angawoonni bulchiinsa naannoo Tigraay namoonni waraanatti dabalamuun mootummaa Federaalaa akka waraanan dirqisisuuf jecha, maatii isaanii dorsiisaa fi hidhaa jiru jechuun, kanneen qabamanii fi maatiin dubbatanii jiru.
Waajiira hariiroo alaa kan bulchiinsa naannoo Tigraay irraa Kindeeyaa Gabra Hiwoot barreefana I-meelii erganiin, aangawoonni mootummaa kan sadarkaa gad aanaa irra jiran, akkaa namoonni galma’an gochuuf firoota isaanii kan hidhan jiru. Garu waan akkasii kan darbee darbee ta’u ibsuun maatiin hidhaman gadhiifamuu fi aangawoonni kana taasiisan adabamuu ibsan. "Maraafuu humnaan galmeessuu akan jedhu imaammata mootummaa keenyaa miti," jedhan.
Dubbii himaan mootummaa Itiyoophiyaa Laggasaa Tulluu akka jedhanti humnaan nama galmeessuun kun akka jiru aangawoonni mootummaa gabaasa hedduu qabu jedhan.
Gara dhuma bara 2020 wal waraansii Itiyoophiyaa gama kaabaa keessatti gaggeeffame siviiloota kuma hedduu ajjeesee miliyoona hedduu godaansisuun beela kan hordofsissee yoo ta’u badii inni geesisee akka haala isa Yukreen keessaa ilaalacha hin arganne jedhamee jira..