Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawoonnii fi Diploomaatonni Yunaayitid Isteetis Abuu Daabii Jiru


Ministeerri hajaa alaa Amerikaa Antonii Bliinkan fi hoggantoonni kanneen Abudaabitti imalan, Caamsaa 16, 2022.
Ministeerri hajaa alaa Amerikaa Antonii Bliinkan fi hoggantoonni kanneen Abudaabitti imalan, Caamsaa 16, 2022.

Ministeerri hajaa alaa Amerikaa Antonii Bliinkan wiixata har’a Abudaabii keessa kan jiran yoo ta’u kunis, hogganoonni biyyoota addunyaa fi diploomaatoonni hogganaa Tokkummaa Emeereetoota Arabaa du’an boqotaniif kabajaa qaban ibsuuf ta’uun beekamee jira. Jila sadarkaa olaanaa Yunaaytid Isteetes kan itti aantuu prezidaantii Kamaalaa Haarisiin hogganamu keessaa Bliinkan jiru.Imaltuun kunis bulchiinsa prezidaant Baaydiin jalatti muddamsa hariiroo biyyoota lameen gidduu laaffisuuf akkasumas deggersa qaban agarsisuuf akka ta’e ibsamee jira.

Jila Amerikaa kana keessaa ministeerri Ittisaa Looyid Ostiin fi Diayreekteerri tikaa (CIA) Wiliyaam Baarns kan jiran ta’uun beekamee jira.

Hogganaan biyya Tokkummaa Emeereetoota Arabaa kan yeroo dheeraaf dhukkubsataa turan Kaliifaa Bin Zaayeed Ak Nahyaan Jimaata dabree umrii isaanii 73tti du’an boqotan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG