Xurree ittiin seenan

Breaking News

Embaasiin U.S Tarkaanfiin Itiyoophiyaan Gabaasaa Ze Ikonoomist Irratti Gaddisiisaa Dha, Jedha


FAAYILII - Baruulee Ze Ikonmist gaabaa Landani, Hagayya 12, 2015
FAAYILII - Baruulee Ze Ikonmist gaabaa Landani, Hagayya 12, 2015

Embaasiin Yunaayitid Isteets Itiyoophiyaatti argamuu tarkaanifiin Mootummaan Itiyoophiyyaa gabaasaa ze ikonoomist Tom Gaardner irratti fudhate akka isaa gaddisiisee ibsee jira.

Ibsii embaasichaa irraa bahee akka jedhetti gaazexeessonni hunduu namuusa hojiin isaanii eeggatanii sodaachisaaf adabbii malee saba tajaajiluu qabu jedheera. Itti dabaluudhaans gaazexessonni Itiyoophiyaa keessa jiran hojii isaanii soda, dhorkaa fi hidhaa seeraan alaa irraa bilisa ta’anii hojjachuudhaaf mirgii isaanii akka eegamuu ni deggerra jedheera.

Caamsaa 13,2022 eeyyaama hojii gaazexessummaa Itiyoophiyaa keessatti ittin socho’aa ture erga jalaa haqamee boodaa akka biyaa bahu kan taasifamee gaazexeessaa Tom Gaardner ilaalichisee ibsa kan baase Ze Ikonoomist, himannaa mootummaan Itiyoophiyaa gabaasaa isaa irratti dhiheese dhugaa akka hin tane ibsee gochichaa balaalefachuun isaa beekameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG