Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Loltootaa Ishee 500 Somaaliyaatti Erguufi


FAAYILII - Loltoota Yunaaytid Isteets Somaaliyaa keessatti naannoo eegaa jiran, Muddee 2019 (Nick Kibbey/U.S. Air Force)
FAAYILII - Loltoota Yunaaytid Isteets Somaaliyaa keessatti naannoo eegaa jiran, Muddee 2019 (Nick Kibbey/U.S. Air Force)

Erga prezidaantii haaran Somaaliyaa flatamanii guyyaa lama keessatti , loltoonni Yunaayitid Isteets 500 gara Somaliyaa akka deeman prezidaant Joo Bayidan ajajaniiru.

Loltoonii Somaaliyaatti bobba’uuf deeman lakkoofsaan baayee ta’uu baatanus turtiin isaanii waan itti fufiinsaa qabuu akka ta’ae kan dubbatan itti gaafatamtuun dhimma preesii waayit Haawus Kaariin Jean-pi’erii sababinii loltootaa bobbasuu rakkinaa yeroo ammaa Al shabaa uumaa adeemaa jiru hirdhisuudhaaf akka ta’ee ibsaniiru.

Itti gaafatamaan dhimma preesii peentaagoon Joon kerbii barbaachisummaa bobba’iinsa loltootaa kana ilaalchisee yaadaa kennaniin,

"Dubbichii, Al shabaab sodaa ta’ee tureera. yemuu gadi fageenyaan ilaalamu sodaan sun ittii fufuu irraa darbee dabalaa deemuu irra jira. Kanaafuu, gorsaaf gargaarsaa bu’a qabeessaa ta’e kenuuniif dirqama leenjii itti fufuun nuuf karaa gaarii akka ta’e ammanna. Karaa kanaan hojjachuun irraa gaariidha," jedhaniiru.

Qaama Al Qaayidaa akka ta’e kan beekamuu gareen Al Shabaab dhiheenyaa kana missensota naga eegdotaa gamtaa Afrikaa kan ta’an loltootaa Burundii 30 ajeesuun isaa ni yadatama.

Prezidaantiin Somaaliyaa haaraa filataman akka loltoonni Yunaayitid Isteets biyyaa isaanii seenan gaafachuuf dhiisuu isaanii wantii beekamee jiraachuu baatus, xiinxaltoonii dhimmaa somaaliiyaa akka jedhanitii gargaarsii waraana US barbaachusaa ta’uu isaa himanii yoo ummna xiyyaaraa waraanaatiin deggeramee immoo caalaa bu’a qabeessa ta’uu danda’a jechuun isaanii gabaasameera.

Yunaayite Isteets bara 1993 loltoota ishee Somaaliiyatti bobbaaftee loltoonii 18 ajjeefamuun isaanii waan beekamuudha.

Murtoon Baayiden kun mortoo prezidaantiin duraanii Doonaald Traamp bara 2020 kennaan waraanii Yunaayitid Isteets 700 Somaaliyaa keessaa akka bahu taasisee kan geedareedhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG