Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koovid 19 Afrikaa Keessatti Iyyummaa Dabaluun Isaa Himame 


FAAYILII - Namoota baankii funduratti dabaree eeggatan, Haraaree, Zimbaabwee, Mudde 13, 2021

Dhibeen Kooviid 19 lammiilee Afrikaa miiliyoonii 55 iyyumaa keessaa galchuu isaa fi sochii jabaa iyyumaa hanqisuudhaaf taasifamaa ture waaggoottan 20f boodatti deebisuu isaa dhaabbata mootummootaa gamtoomaniitti komishiiniin diinagdee Afrikaa gabaasaa baaseen ibseera.

Komishiinichii gabaasaa isaa bara 2021 fuula 150 qabu Daakaar Seenegaal keessatti, walgahii ministiroota Maallaqaa, karooraa fi misooma diinagdee biyyootan Afrikaa marsa 54ffaa irratti ifa godheeraa.

Itti aantuu bareesituu ol aantuu komishiinchaa kan ta’an Haanaan Moorsii haasa walga’ichaa irratti taasisaniin, iyyumaa hirdhisuu irratti bu’iin cimaan waggootan 20n darbaniif araggamee sababa kooviidiin boodaattii deebi’uu danada’ee jira.

Sababa dhibee koovidiin kan ka’ee dhorkaan sosochii namootaatiif meeshaalee irratti taasifamee ture namoottan haaraa garaa iyuummaatti waan dabaleef warreen iyyummaa keessaa jiran miiliyoonii 55 keessaa miliyoonii 39 garaa iyyumaa cimaatii seenuu isaanii gabaasinni komoshiinichaa ibsuun isaa beekameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG