Xurree ittiin seenan

Breaking News

Loltoonii Yuukreen Azoovistaal Keessaa Bahaanii Jiru


Yuukreen Magaalaa Maari’upoolti loltoonii warshaa sibiilaa Azoovistaal keessatti karaa bahan dhabanii turan,  bahu jalqabuu isaanni haahga’oonii mootummaa Yuukreen ibsuun isaanii gabaasameeraa.  

Akka itti aantuun ministirii ittisaa Yuukreen Anaa Maariyaal jedhanitti loltoonii 260n wixata kaleessaa kan bahan yemmuu ta’u, isaan keessaa kan madaan cimaan irra gahee 53 Hospitaalaa Noovoo’azoovisk isaa magaala Maari’upool keessaa jirutti waldhanamaa jiru.

Loltoonni biroo 211 immoo garra magaalaa Oleenivkaa jedhamutti akka geessamana ibsameera. Bakkeewwan loltoonni Yuukreen geeffaman kun lamman yeroo ammaa too’annoo waraanaa Raashaa fi hidhatootaa naanno mootummaa Raashaatiin degeramanuu jelaa akka jiran beekameera.

XS
SM
MD
LG