Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bakka Bu’aan Addaa Gamtaa Awuroopaa Daawwannaa Isaanii Xumuraniiru


Gamtaa Awrooppaa

Dhimma mirga namoomaa irratti bakka bu’aa addaa gamtaa Awurooppaa kan ta’an E’amoon Giliimoor , dawwanaa Itiyoophiyaatti taasisaa turan xumuruun isaanii gabaasammera.

Akka gabaasni kenedii Abate jedhetti,E’amoon Giliimoor yemuu Itiyoophiyaa keessa turan, haangaa’otaa mootummaa gameeyii ta’an, hoggantootaa paartiilee mormitootaa, komishiinerii komishiini mirga namoomaa Itiyoophiyaa fi hoggantoota dhaabbilee idilee adduunyaa waliin marii taasisaniiru.

Bakka bu’ichii addaa finfinnee keessatti ibsa oduu gabastotaaf kennan irratti mariin isaan taasisan maal maal irratti akka xiyyeeffate ibsaniiru.

Akkuma Kanaan mariin isaanii kan irratti xiyyeeffate, waa’ee itti gaafatamummaa sarbiinsaa mirga namoomaa irratti raawwatee, akkaataa raabsa gargaarsa namoomaa fi akkaataa Itiyoophiyaa keessatti nageenyaa dhaabataa ta’e mirkaneesuu danda’amu irratii akka ta’e ibsameera.

Yaadawwan Ilaali (1)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG