Ministirri dhimmaa alaa Yunaayitid Isteets Antoonii Bliinken , teessoo dhaabbata mootummootaa gamtoomanii Niwu Yoork keessatti ministiroota dhimmaa alaa biyyoottan Afrikaa waliin marii taasisaniiru.
Marii kana irratti kan hirmaatan Minstiroota dhimma alaa,Dimokiraatiik Repabliikii Koongoo, masir, Gaaboon, Gaanaa, Keeniyaa, Mooriitaaniyaa, Naajeeriyaa, Afrikaa kibbaa,Zaambiyaa fi Seenegaal akka ta’an beekameeraa.
Walgahii kana irratti dhaabbataa mootummootaa gamtoomaniitti, ambaasadara yunaayitid Isteets kan ta’an Liindaa Toomas Giriinfiild kana argama yemuu ta’u, ijoowwan marii kana keessa waa’een wabii midhaan nyaataa lamiilee Afrikaa isa tokko akka ta’e gabaasameera.
Walgahii kana irratti kan dubbatan Antoonii Bliken, hanqinii midhaan nyaataa Afrikaa haala jijjirama qileensaatiin kan ka’ee hongee muudateen, sababa Koovidiin kan ka’e akkaatan mi’aawan jireenyaaf barbaachisa ta’n raabsuu waan daanqameef, akkasumas, weerarrii Raashaan Yuukreen irratti taasifte rakkinaa uumuu isaa irraa kan ka’e ta’uu isaa ibsaaniiru.
Yunaayitid Isteets fi rakaaleen gargaarsaa sadarkaa adduunyaa rakkina midhaan nyaataa afriikaa muudatee furuudhaaf akka hojjatan Bliinken dubbachuu isaanii dubbi-himaan ministeeraa dhimma alaa Yunaayitid Isteets Niid Praayis ibsa kennaniin beeksisaniiru.