Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Somaaliyaa Karoora Isaanii guyyoottan 100 Ibsan


Prezidaanti Somaaliyaa haaraa filataman
Prezidaanti Somaaliyaa haaraa filataman

Prezidaantiin Somaaliyaa Karoo isaanii guyyoottan100 ibsan

Dilbata dheengaddaa kan filataman prezidaantiin Somaaliiyaa Haasan Sheek Maahamud karoora mootummaan isaanii guyootan 100 dhufan keessatti hojjatamuu qabuu irratti ibasa kennanii jiru.

Prezidaant Mahaamud VOA Afaan Somaalii fi ibsaa adda kennaniin , nageenyii, dandamannaan diinagdee, tasgaba’umsii siyaasaa fi dhimmii boqonnaa argannaa liqii wanneen mootummaa isaanii hatattamaan hojachuu qabu akka ta’e ibsaniiru.

Wal waraansaa garee Al Shabaabii wajjin taasifamaa jiruu ilaachisee yaada kennaniin, guyyoottan 100 dhufaan keessatti nageenyaa magaala gudditti biyyatti moqaadishoo mirkaneesuun hojiiwwan dursii kennamaniif keessa issa tokko akka ta’e himaniiru.

Prezidaant Mahaamud VOA dhaaf ibsa keennuu isaaniitin duratti yunaayitid Isteets loltootaa ishee Somaaliyaatti deebistee akka ergituu murtoo isaan dabarsaniif prezidaant Joo Baayiden galateeffataniiru.

Lola farra Shorokeessumaa fi tasgabbii Somaaliiyaa irratti Yunaayitid Isteets michuu barbaachisaa akka taate Prezidaant Mahaamud Fuulaa Tiwuutarii irratti yaadaa kennaniin ibsunn isaanii beekameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG