Naannoo bulchiinsaa sabaa fi sab-lammii ummatootaa kibba Itiyoophiyaa aanaa addaa Daraashee keessattii Walti-bu’insa umameen walqabatee shakkamtoonni 330 too’annoo jala ooluu isaanii Komishineeriin Komishiinii poolisii bulchiinsaa naannoo kibba Itiyoophiyaa Alamaayyoo Maamoo VOA ti himuu isaanii Yoonaatan Zebdiyoos hawaasaa irraa gabaaseera.
Walti-bu’insicha keessatti hirmaannaan namoottan kana amma akka ta’e addaan baafachuudhaaf qorannoon taasifamaa akka jiru Komishineerichii ibsuu isaaniitiif jiraattonni gamaa isaaniitiin mootummaan jimlaadhaan namaa hidhuu isaa irratti akka mormii dhiheesaa jiran gaabasinni Yoonaatan Zebdiyoos kun dabalee ibiseera.
Komishineeriin Komishiinii poolisii naanichaa namoottan too’annoo jala oolan ragaalee qabatamaa ta’an irratti hundaa’uudhaan akka ta’e ibsaanii komii jiraattotaa irraa dhiyaachaa jiru fudhatama dhabsiisuu isaanii gabaasinii kun ibseera.