Biyyoonni Afrikaa aangoo humna waraanaa fi ka siyaasaan fayyadamuudhaan yaaddoo shororkeessummaa ardittii keessatti dabalaa deeme kan garee Islaamik Isteetiin geggeessau of irraa aggachaa jiran.
Yunaayitid Isteetis akka biyyoonni Afrikaa shorokeessummaa irra-aanan gargaaruuf doolaaraa miliyoona dhibba tokkoo ol kennitee jirti. Mohaammed Yusuuf, Naayiroobii irraa akka gabaasetti aangawoonni tika-nagaa Yunaaitid Isteetis, “bakka barbaachisetti gargaarsa tika-nagaa kennuuf hoogganummaa fi sagalee Afrikaanotaa barbaachisa”, jedhu.