Prezidaant Joo Baayiden damee teeknooloojii Yunaayitid Isteetis irratti fuuleffachuu dhaan imala gara Asia-tti geggeessan kan jalqaban yoo ta’u, jimaata har’aa kampanii elektirooniksii Kooriyaa kibbaa kan magaalaa Austin alatti ijaaramuu fi doolaara biliyoona $17 kan chip komputeraai itti hojjetamu daawwatanii jiran.
Daawwannaan isaanii kun dhiyeessii Chiippii komputeraa dabaluu yoo ta’u, dhimma biyya keessaa kan Baayiden dursa kennaniif keessaa tokko. Waggaa darbe meeshaa eleketrooniksii keessaa kan akkaan barbaachisaa ta’e hanqinni “Semiconductor” dhiyeessii konkolaataa, meeshaalee mana keessaa nyaata ittiin bilcheessanii fi meeshaalee ka biroo akkaan miidhee jira.
Rakkoon dhiyeessii kunis gatiin meeshaalee kana ittiin bitan akkaan ol ka’uu dhaqqabsiisee jira. Kunis fudhatama Baayiden kan gad xiqqeessee fi bulchiinsichi oomisha biyya keessaatti akka fuuleffatu taasisee jira.
Baayiden daawwannaa isaanii guyyootii ja’a kan kooriyaa kibbaa fi Jaappaanitti geggeessaniin dhimmootii imaammata alaa hedduu irratti mari’achuun kan isaan eeggatu yoo ta’u, haa ta’u malee biyya ofii ilaalchisee yaaddoo jiru kan itti beeksisan ta’uun illee beekamee jira.
Gorsaan naga eegumsa biyyoolessaa Jake Suliivan imala kana dura ibsa kennaniin, investimeniin Sumsung kan Texaas keessaa lammiiwwan Ameerikaaf dalagaa mindaa gaarii kan argamsiisu yoo ta’u, caalaa immoo dhiyeessiin akka dabalu taasisa.
Kampanii Kooriyaa kibbaatti prezidaant Baayideniin kan simatan prezidaantii biyyattii haaraa Yoon Suk Yeol fi itti aanaa dura taa’aa kampanii elektrooniskii kan Sumsung Lee Jae-Yong ta’uun ibsameera. Yoon torban tokko dura filatamuu dhaan prezidaantii biyyattii haaraa ta’anii jiran. Kooriyaa Kaabaa irratti ejjennoo cimaa akka qabaatan akkasumas Yunaayitid Isteetis waliin kan jiru michummaa waggoota 70 cimsanii kan itti fufan ta’uu ennaa duula filannoo isaanii dubbataniiru.
Hanqinni chiiipii komputeraa kan mudate ennaa addunyaan weerara vaayiresii koronaan dha’amte ture. Haa ta’u malee weerarri kunii fi rakkoolee biroon warshaan oomisha Semiconductor jedhamuu meeshaa elektrooniksii oomisuuf gargaaruu akka cufamuuf sababaa ta’e. Angawoonni mootummaa Yunaayitid Isteetis, oomishi chippii barbaadamuu hanga bara 2023tti hamma isaan akka inni irra ga’u barbaadan ga’uu dhiisuu mala jechuun tilmaaman.
Kampanii Sumsung daawwachuutti dabalee Baayiden dhiyeenya haasaa dhageessisaniin dhaabbati Yunaayitid Isteetis Intel, warshaa oomisha semiconductor naannoo kolomboos Ohiotti warshaan dhaabuuf akka jiru dubbataniiru.