Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriirri Dhiittaa Mirga Namoomaa Gondar Keessatti Hordoftoota Amantii Islaamaarratti Geggeessame Balaaleffate Diisitti Geggeessame  


Hiriirri Dhiittaa Mirga Namoomaa Gondar Keessatti Hordoftoota Amantii Islaamaarratti Geggeessame Balaaleffate Diisitti Geggeessame

Kanneen Waashingtan Diisii naannawa ishee jiraatan lammiwwan hidda dhalata Itiyoophiyaa dhiittaan mirga namoomaa magaalaa Gondar keessatti hordoftoota amantii Islaamaa irratti geggeessamaa jiru akka dhaabatu gaafatanii jiran.

Dhaadannoolee adda addaa qabachuudhaan Embaasii Itiyoophiyaa as magaalaa Waashington Diisii jiru fuul-duratti kanneen hiriiran lammiwwan hidda dhalataa Itiyoophiyaa kun, hordoftoota amantii Islaamaa dhiittaa mirga namoomaa sanaan miidhamaniif murtiin haqaa fi hirphi akka kennamullee gaafatan.

Kanneen gochaalee badii raaw’atan mana-murtiitti akka dhihaatanii fi magaalattiin gara nageenyaatti akka deebitu fedhiii isaanii tahuullee, kan achitti argamuun hiriiricha hordofaa ture Habtaamuu Siyyuma gabaasee jir

Yaadawwan Ilaali (4)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG