Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsa Naannoo Amaaraa Keessatti Hojiin Seera Kabajsisuu Gaggeeffamaa Jira:Angawaa 


Magaala Dasee (suuraa faayilii) 
Magaala Dasee (suuraa faayilii) 

Bulchiinsii naannoo Amaaraa namoota 4500 caalaa hidhuu isaa kan beeksisee yoo ta’u kunis seera eegsisuuf jecha torban tokko duraa kaasee tarkaanfii fudtame ta’u ibsee jira.

Baahir Daar keessatti har’a oduu gabaastotaaf ibsa kan kennan hogganaan waajiira nagaa fi nageenyaa Obbo Dassaaleeny Xaaseew akka jedhanti, namoota dhunfaa fi gareen gurma’an kanneen daldala meeshalee waraanaa kan seeraan alaa, saamiinsaa fi qabeenyaa barbadeessuu irratti bobba’an akkasumas uummata giddutti ajjeechaa fi hokkara oofan irratti mootummaan tarkaanfii fudtaa jira.

Hidhaa bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti gaggeeffamu kana irraa yaaddoo kan qabu ta’u kan ibsee komishinni mirga namoomaa kan Itiyoophiyaa, mootummaan naannoolee adda addaa kan biyyatti keessaatti, seeraa fi tasgabii eegsisuuf tarkaanfii seeraa fudhachuu akka danda’uu nan hubadha jedhee jira.

Garu hedduminaan hidhuun akkasii kan faallaa qajeelfama mirga namoomaa ta’e fudhatama hin qabu jedhe.Namoonni hedduun bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti hidhamuun sirna hordofee akka hin taanees komishinichi ibsee jira.

Dijitaal Mediyaa adda addaa irratti qopheessitoota ta’uun kan hojjatan namoota 10 ol gidduu kana hidhamuu maatiin isaanii ibsanii jiran.

Barruulee fi Gaazexxessoota addaa addaa irratti barreessuun akkasumas, hawaas dadamaqsuun beekamtu garu hojiin ishee barsiiftu kan taate Maskaram Abarraa akkasumas waggoota dheeraa dura sagantaa Televiziyoona Shaay Bunnaa jedhamu qopheessuun kan beekamu erga dhiyeenya kanaa as immo chaanaalii yuu tiyuub Gabayaanu jedhamu irratti yaada isaa kan dhiyeessu solomoon Shumiyyee qabamuu isaa gabaafamee jira.

Kana malees dijitaala Nisiir fi Ashaaraa kanneen qopheessan namoonni 8 torban dabree waajiira isaanii Baahir Daar jiru keessatti ituu hojii irra jiranii qabamuu fi mana hidhaa Nafaas Mawucaa geeffamuu isaanii ibsamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG