Chaayinaan ituu Taaywaaniin weerarteetti ta’e Amerikaan gidduu seenuun Taaywaan cina dhaabatti turte jechuun prezidaant Baaydin dubbatanii jiru.Baaydin kana jechuun isaanii, imaammata Amerikaan dhimmi kana irratti hordooftu irratti yeroo dheeraaf waan ifa hin taane akka jiru agarsisee jira.
Tuuta oduuf Tokiyoo keessatti ibsa kennamee irratti Baaydiniif gaaffii dhiyaate AmerikaanTaaywaan cina humna waraanaan bobbaasuuf fedhii qabdii? Kan jedhu ture. Baaydinis eeyyee waadaan keenya kana ture jedhan garu gad fageenyaan hin dubbanne.
Ministeerrii haajaa alaa chaayinaa hatattamaan deebii kennaniin, Chaayinaan abba abiyyummaa biyya ishee irratti waan mari’attu hin qabdu jedhan.
Kan paartii abbaa irree tokkoon bulaa kan jirtu chaayinaan deemookraatawaa kan taate Taayiwaan akka kutaa ishee irraaadda cittee tokkotti ilaaluun deebistee kan fudhattuu ta’u yeroo dheeraaf dhaadataa jirti.
Mummichi ministeera Jaapaan kan Baaydin waliin ibsa kennaa turan yoo ta’u, biyyi isaanii deggersa waraanaan Taayiwaan cina akka dhaabttu haala kallattiin hin taaneen ibsanii jiru.
Anaa fi Baaydin waa’ee Taaywaan irratti nagaa fi Nageenyii barbaachisaa ta’u dubanneerra jedhan.