Xurree ittiin seenan

Breaking News

Putiin Gocha Gara Jabinaa Raawwataniif Gatii Baasuu Qabu: Baaydin 


Prezidaantii Yunaaytid Isteets Joo Baaydin, Tookiyoo, Jaapann
Prezidaantii Yunaaytid Isteets Joo Baaydin, Tookiyoo, Jaapann

Prezidaantiin Raashaa Vilaadmiir Putiin gocha gara jabinaa Yukreen keessatti gaggeessaniif, gatii guddaa baasuu qabu jechuun prezidaant Joo Baaydin dubbatanii jiru.Jaapaan keessatti daawwannaa gaggeessan irratti haasawaa dhageesisan Kanaan, Raashaa irra ugguurri yeroo dheeraa ka’amuun qaba ergaa jedhu dabarsuun barbaachisaa dha jedhan.

Prezidaantiin Yukreen Voladmiiyer Zeleenskii wiixata har’a Raashaa irratti dhiibbaan taasifamuu akka dabaluu gaafatan.walgahii dinagdee addunyaa gaggeeffamaa jiru irratti, gama marsariitiin haasawaa dhageesisanin, boba’a fi baankileen Raashaa irra uggurri akka ka’amuu, akkasumas daldala Raasahaa waliin gaggeeffamu hundumtuu haa dhaabatuu jedhan.

Ugguura jechuun haga danda’ameetti gama hundaan guddaa ta’uun Raashaa fi kannen biroo duula waraanaa hamaa biyyoota ollaa irratti gaggeessuu malan, irratti battalumaan dhiibbaa qabaata jechuun Zalanskiin gama turjumaanaan dubbatan.

Uggurrii akkasii baatii 3 dura ituu hojii irra oleera ta’e, lubbuu namoota kuma kurna hedduu du’a irraa olchuun ni danda’ama ture jedhan.

Humootiin gara jabinaa addunyaa bulchuu yoo ta’eef yeroo itti ilaalamuuf jiruus amma jedhan Zelenskiin.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG