Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gargaarsii Nyaataa Hedduminaan Ummata Akka Dhaqqabu Feena: Samantaa Paawar


Faayilii - Bulchituu dhaabbata misooma sadrakaa addunyaa kan Yunaayitid Isteetis Samantha Power
Faayilii - Bulchituu dhaabbata misooma sadrakaa addunyaa kan Yunaayitid Isteetis Samantha Power

Itiyoophiyaa keessatti manneen kuusaalee gargaarsa nyaata uummanni miliyoona hedduun eeggataa jiru akka hin dhaqqabne ittifamaniin guutamee jira jechuun bulchiituun dhaabata misooma sadarkaa addunyaa kan Yunaaytid Isteetes Samaantaa Paawar ibsanii jiru.

Gargaarsa xiqqoo gama biyyatti gama kaabaatti erguun foyya’iinsii hangii tokko akka jiru ta’uus garu akka hedduminaan seenee yeroo ituu hin raabsiin nu jalaa dabree iddoo buusuu feena kan kedhan Paawar namoota beela’an ijoollee nyaata dhabuun ergaraman karaa itti dhaqabuu qabnu humnootiin mootummaa dhorkan jiru jedhan.

Torbanti Kokoolaataan gargaarsa fe’an 500 bulchiinsa nannoo Tigraay Amaaraa fi Afaar akka seenan feena kan jedhan Paawar gargaarsii nyaataa hin dhaqqabu ta’e baatii dhufu keessa haala beela fakkaatu keessa namoonni seenan jiru jedhu.

Gargaarsii amma xiqqeenyaan seenaa jiru hedduminaan gamas akka dhaqqabu aangawoota Itiyoophiyaa gaafanna jedhan

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG