Akka tarree kana keessa seenan kan ta’ees hoggana Dr Abiiy jalatti biyyatti keessatti wal waraansii walii gaggeeffamuu isaan, akkasumas waraanni isaanii jumlaan nama ajjeesuu humnaan gudeeddii fi duguuggaa sanyiin himatamuu isaan ta’uun ibsee jira.Waajiira mummicha ministeeratti itti gafatamtuu preesii kan ta’an Bileenee Siyyuum kana mormuun barruu Taayimiif barreefama I meelii erganii fi RSA dhaqqabeen, barruun kun beekaa maqaa mummicha ministeeraa xureessuuf tarree maqaa namoota 100 kana keessa galche jedhan.
Barruun kun akka tarreeesseetti mummichi ministeeraa Abiyyi biyyi isaanii Ertraa waliin walitti bu’iinsa waggootaaf qabataa turte furuu isaaniif bara 2019 badhaasa Nobeel argachuu isaanii, kutaa sana keessatti haala foyya’ee uumeera abdii jedhu kennee kan ture ta’uus walitti bu’iinsii Itiyoophiyaa keessaa akka ka’uufis waan facaase qaba jedha.
Wal waraansii baatii 19 ture gama kaaniin dhalattoota Tigraay irratti gochi gara jabinaa gaggeeffameera jechuun dandeesiisa jedha Taayim
Bileenee siyyuma garu bulchiinsa Amaaraa fi Tigraay keessatti garee shoroorkeessa jechuun kan waaman sanaan lubbuu namoota karaatti hambiseef barruun kun dubbii himaa ta’uun agarsiisaa ejjennaan qabu kunis gaddisiisaa dha jedhan.